Dhawaa fi lammiiwan Itoophiyaa maraan duudhaawan miimiidhagoo biyya teenyaa sirnaan akka beeynu, miira Obbolummaa gamtoomaa keenya daran beeknee akka guddifnuuf akkasumaas …. Ibsituu teenya tan Ummatni Dirree kan ta’e Aadaa jaalalaan keessummaa simachuu teenyaatiin daran cimsuuf carraa mijjaawaa kan nuuf uume Guyyaa Ayyaana Sabaa, Sablmootaa fi Ummattoota Itoophiyaa 16 ffaa Gareen shoorarkeessaa ABUT gocha badii kan seenaan dhalootaan dhalootatti darbu kan biyya teenya irratti raawate tokkummaa cimaa lammiiwan Itoophiyatiin awaalchi geree kanaa yeroo itti raawatamaa jirutti kanatti Ayyaana Sabaa, Sablmootaa fi Ummattoota Itoophiyaa 16 ffaa kabajamuun Ayyaanicha adda kan taasisuudha.
Qaamoleen nageenyaa Dhaabilee fi Namootni tajaajila lattan akkasumaas hawaasni daldalaa walumaagalatti jiraatonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa milkaa’ina ayyaanichaaf shoora keessan akka bahattan jechuun waamicha dhaamanii Bulchiinsa keenyatti kanaan dura adeemsa hannaa raawatamanii Seera qabeessoo kan fakkaattan, gochootaa fi hojmaatni seeraan alaa badoon baay’ee hojii qulqulleessuu jalqabane imala Dimokraasii fi Misoomaa Ayyaanicha boodaascimsinee kan ittifufnu taachaa gamanumaan mirkaneessuu barbaadna.
“Obbolumaan keenya bu’ura nageenyaa fi misooma keenyaati”
Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa
Kadiir Juhaar


