Dirree Dhawaatti Guyyaan Ayyaana Sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 16ffaan haala guutumaan nageenyaan xumuramuun ibsame.

    Qopheessummaa Magaalaa Dirree Dhawaattiin Marsaa 16ffaan Guyyaa Ayyaana Sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa haala miidhagaa fi hawataa ta’een guutumaan guutuuti nageenyaan xumuramuu Hooganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Isqiyaas Taaffasaa xumuramuu Ayyaanichaa ilaalchisuun ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin ibsan.
    Akka Hooganaan kun ibsanitti guyyana Ayyaanichaa kana Qopheessummaa Dirree Dhawaattiin akka kabajamu guyyaa itti murtaa’e irraa jalqabee Bulchiinsi kurfii haalduree taasisaa turuu himan.
    Ayyaanichaan wal-qabatee Bulchiinsi kaayyoowan ijoo sadi milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjachaa turuu eeranii dhimmoottan kuniis:-
    1ffaan Rakkoo Chaartarii Bulchiinsi ittiin buluun walqabate jiruu fi kan guddina Bulchiinsaatti gufuu.
    Rakkoo Chaartarii Bulchiinsi ittiin buluun walqabate jiruu fi kan guddina Bulchiinsaatti gufuu ijoo ta’e furuun Dirree Dhawaa Heera Mootummaa Federaalawaan beekamtii akka qabaatuuf xiyyeefannoon hojjatamaa turuu fi kanaas marii paanaalii geggeefameen qaamolee mootummaa Federaalaa fi Naannolee kan Simpooziyamii marii paanaalii irratti hirmaatan hubannoo guutuu fi ga’aa akka qabaatan kan dandeesisu Barruun Mata duree dhimma seenaa Magaalaan Dirree Dhawaa Biyya teenya Itoophiyaa nyaachisuu irratti, Uffisuu irrattii fi Ijaarsaan guddisuu irratti shoora magaalaan Dirree Dhawaa gumaachaa turte kan mul’isuu fi Filannoo Biyyaalessaa 4ffaa bara 1997 booda chaartariin akka bultuuf Chaartariin ba’een walqabatee rakkoolee
    Magaalaa Dirree Dhawaa roga Dinagdeen galii maddisiiftuun qixa irraa fayyadamtuu akka hintaane dhimmoottan taasisan keessattuu Warshaalee fi dhaabileen PLC gurguddoon gara garaa kan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti argaman irraa galii Gibiraa Sassaabamu irraa fayyadamtuu akka hintaane Rakkoo Chaartarii Bulchiinsi ittiin buluun walqabate jiruu jiruun galii sassaabame irraa akka hin qoodanne dhimma taasise.
    2ffaan ilaalcha magaalaan Dirree Dhawaa akka magaalaa nageenyi isii yaaddessaa ilaaluu jijjiiruu irratti.
    Waggoottan lamaan dura rakkoon hanqina nageenyaa magaalaan Dirree Dhawaatti mudatee tureen ilaalcha magaalaan Dirree Dhawaa akka magaalaa nageenyi isii yaaddessaatti ilaaluu uumame jijjiiruuf Bulchiinsi xiyyeefannoonirratti hojjachaa turuu fi kanaas magaalaa Dirree Dhawaa guutummaan guutuutti magaalaa nageenya amansiisaa qabdu taachaa qaatamaan keessumootni hirmaatota Ayyaanichaa qabatamaan akka hubatan gochuun danda’amuu daran Dirree Dhawaa carraawan hawata turizimii fi Invastimantiif qabdu dhaabileen miidiyaa kanneen 16 ol ta’an Hambaawan hawata turizimii fi carraa Invastimantiif Dirree Dhawaa qabdu akka daawatan taasisuun hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon hojjachaa turuu fi hojiin kuniis milkaa’uu addeessan.
    3ffaan Hojiiwan Guddina magaalaa Dirree Dhawaa guddisuuf sochii hojii guddina magaalattiitti jalqabaman itti fufsiisuu irratti .
    Hoogansi jijjiiramaa kan gara geggeessumaa Dirree Dhawaatti dhufe Hojiiwan Guddina magaalaa Dirree Dhawaa guddisuuf sochii hojii guddina magaalattiitti jalqabaman kurfiiwan Ayyaanichaaf cimsanii raawachuun akka danda’amee fi hojiin kun xumuramuu Ayyaannichaan kan dhaabatu osoo hin taane hojii xiyyeeffannoo fi itti fufsiisaan hojjatamu taachaa ibsan.
    Dirree Dhawaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf tattaaffiin jalqabame cimee akka ittifufu ibsame.
    Hojiin gara sadarkaa guddina fooyya’aatti roga maraan ceesisuuf Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Mootummaa haaraa hundeefameen walqabatee sochii hojjiiwan geggeefamaa jiran
    Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis Mootummaan haaraan hundeefame Boqonnaa haaraa Hamilee haaraan gara Gocha raawwii haaraatti galuun hojjiiwan waadaa seenameen raawatamaa ture kan keessattuu Magaalattii Qulqulluu fi miidhagduu jiraatotaaf mijjooftuu taasisuuf geggeesotni magaalattii marti kutannoon hojiin jalqabame cimee kan ittifufu taachaas ibsan.