Bulchinsa Dirree Dhawaatti piroojektoonni 31 Birrii bil1.22 oliin hojjetaman xumuramanii eebbifaa jiru.

    Hogganaa Walta’insa Diinagdeefi Maallaqaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii piroojektoonni hawaasa bulchinsaa Kuma 200 ol’ tajaajilamoo taasisan kanneen xumuramanii tajaajila kennuuf qophaa’oo ta’an 31 ta’an har’arraa jalqabee guyyoota sadan itti aanan keessatti kan eebbifaman ta’uu ibsaniiru. eebbifaman
    Piroojektoota kanneen keessaa 10 araddaalee baadiyyaa keessatti kan ijaaraman yommuu ta’an, 21 kan ta’animmoo araddaalee Magaalaa keessatti ijaaraman ta’uu Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dubbataniiru.
    Sagantaa eebba piroojektiilee kanneeniirrati hoggantoonni bulchinsaa, Abbootiin Amantaa,Abbootiin Gadaa, Ugaazonni,hayyoonni Dhaabbilee