Adooleessa 17, 2014 Dirree Dhawaa araddaalee baadiyyaafi magaalatti piroojektoonni gaaffilee misoomaafi bulchinsa gaarii jiraattonni bulchinsaa kaasaa turan bu’ura godhachuun baasii Birrii Bil. 1.2 oliin hojjetamaa turan kanneen ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf ga’an 31 bakka Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Kabajamtuu Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchinsaa Aadde Fatiyaa Aden , Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa,Aadde Kariimaa Alii, Hogganaa Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii dabalatee hoggantoonnifi kaabinoonni bulchinsaa, Abbootiin Amantaa, Jaarsotiin Biyyaa, Abbootiin Gadaa, Ugaazonni keessummoonni hedduun argamanitti eebbifamaniiru.
Waltajjii eebba piroojektoota kanneeniirratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsaa Obbo Sulxaan Aliyyii piroojektoonni kunneen gaaffilee mootummaan keenya rakkoolee misoomaa furuuf Birrii biliyoona 1.2 oliin hojjechiisaa ture kanneen ijaarsi isaanii xumuraman qofa2 guyyaa kana eebbifamuunsaanii bu’aa guddaa kan qabaniifi ijaarsisaas guutummaan guututti xumuramee tajaajila barbaadamuuf qophii akka ta’an, akkasumas kanneen hinxumuraminis bara baajataa 2015 keessa xumuramanii kan tajaajilaaf ga’uuf jiran ta’uu dubbataniiru.
Obbo Sulxaan itti dabaluudhaanis piroojektoonni 31 eebbifaman kunniin kanneen raawwiin isaanii dhibbeentaa 80fi 90irra jiran tokkollee osoo dabalatin ta’uus himaniiru.
Piroojektoota kana kan eebbissiisan Kantibaan Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Sirna eebba piroojektoota kanneeniirratti haasaa godhaniin erga mootummaan haaraa ijaaramee asitti akkaataa waadaa galameetiin hojiiwwan hedduun kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.
Kabajamoo Kantibaan haasaa taasisaniin piroojektoonni 31baasii Birrii 1,220,109,861 n magaalaafi baadiyyatti kan hojjetaman ,isaan keessaas kanneen magaalatti hojjetaman 21 baasii Birrii 1,091,893,773 n kan hojjetaman jiraattota Magaalaa Kuma 200 oliif kan tajaajila Kennan ta’uufi kanneen hafan 10 immoo Araddoota baadiyyaatiif baasii Birrii 128,216,088n hojjetamuun jiraattota Kuma 35 fi 652 ta’aniif tajaajila kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis bulchinsaatti carraafi abdii misoomaa guddaan jiraachuun hojiiwwan hedduun kanneen Bulchiinsi mootummaa federaalaa waliin ta’uun hojjetaman ta’uu kan himan Kantibaa Kadiir piroojektoonni kunniin kan mootummaa tajaajilan osoo hinta’ii kan keessani waan ta’eef jiraattonnifi hawwasni qabeenya keessan kanneen kunuunsuufi eeggachuun gahee keessani jedhaniiru.
Dirreen Dhawaa akka biyyaatti kutaa daldala bilisaa Akka ta’u gochuuf kanarratti hojjetamaa jiru ta’uu kan dubbatan Kantibaa Kadiir Juhaar Dirree Dhawaa wiirtuu buufata Daldala gochuuf hojiinhojjetamaa ture xumurarra jiraachuus himaniiru.
Dhumarratti Kantibaa Kadiir Waltajjii kanarratti Piroojektoonni hojjetamaa jiran kunneen gaafa guutumaa guututti xumuramanii paarkii industirii waliin walitti ida’amuun hojjechuu eegalanitti badhaadhinni Dirreen Dhawaa yeroodhihootti kan dhugoomfamu ta’uu kan ibsan yommuu ta’u qaamota milkaa’ina hojii kanaan tumsa godhanis galateeffataniiru.


