Koorpooreeshiniin Manneen Federaalaa Damee misoomaafi bulchinsa manneeniitiin daandii jijjiiramaarratti argamuu ibse.

    Adooleessa 23-2014 Koorpooreeshiniin Manneen Federaalaa Damee Dirree Dhawaa Waajjira Haaraa yeroo gabaasaa keessatti haala ammayyaafi tajaajila teeknooljiif miijatutti ijaarsise kan eebbifame yommoo ta’u, biiroowwan tajaajila adda addaa tiin hojjetaman jila Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaariin durfamuun daawwatamaniiru.
    Waajjirichatti piroojektii gamoo biraa Misooma manneeniif oolan jalqabsiisuuf Dhakaan bu’uraa kan kaa’ame yommuu ta’u, Dhakaan bu’uraa Kunis Kabajamoo Kantibaa Obbo Kadiir Juhaariin kaa’ameera.
    Sagantaa kanarrattis Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar, Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden, Afa-Yaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa , Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii, Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa , Abbootiin Amantaa, Jaarsotiin biyyaa, hoggantoonni Sadarkaa bulchinsaafi Federaalaa, keessummoonnifi jiraattonni bulchinsaa hedduun argamaniiru.
    “Mooraan waajjirichaa kuni waggaa tokko keessatti haala ammayyaafi miidhagaa ta’een kanaan hojjetamee arguu isaatti gammanneerra ” kan jedhan Abbootiin amantaa hoggantootaafi hojjettoota waajjirichaaf galataatu isaaniif mala jedhan.
    Hagganaa Koorpooreeshinii Manneeni Damee Dirree Dhawaa, Obbo Ewnatuu Warqinaa haasaa taasisaniin , hojjettootawaajjirichaa kanneen utubaa ta’uun hojii kana karoorsuurraa hanga abdiin keenya dhugoomuutti Mira nidanda’ama jedhuun hamilee guutuun hojjechuun Sadarkaa kanaan nu ga’an gad-jedheen galateeffadha” jedheera.
    Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Olaanaa Koorpooreeshinii Manneen Federaalaa Obbo Haylaworq Zeenaa hojjettootaafi hoggantoota Koorpooreeshinichaa Sadarkaa bulchinsaafi Federaalaa milkaa’ina hojiikanaaf gumaacha godhan hunda galateeffataniiru.
    Saganticharratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden “Hojiin Jijjiiramaa adeemsa keessa dhufa ; jijjiiramni Kunis qaama tokko qofaan hinmilkaa’u; kkka biyyaattis ta’ee akka bulchinsaatti dhuaa jiruuf Koorpooreeshiniin Manneenii Federaalaa jijjiirama karaa Misooma manneeniitiin godhaa jiru bulchinsi kan jajjabeessuufi cinaa dhaabbatu mirkaneessa” jedhaniiru.
    Saganticharratti qophiilee bashannansiisoo adda addaa kan dhihaate yommuu ta’u, Sagantaan keetiif muruugi Qaamota milkaa’ina hojii kanaaf gumaacha godhaniif beekamtiifi badhaasni kennameera.