Duulli tajaajila tola ooltummaa sakatta’iinsa fayyaa bilisaa fi wal’aansa mata duree “Gaarii fayyaa keenyaaf” jedhuun guyyaa har’aa bakka kantiibaan bulchiinsa Dirre dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Hogganaan Paartii Badhaadhinaa damee Dirre dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf akkasumattillee hoggantoonni Olaanoon argamanitti ifatti eegalamee jira.
Sagantaa baniinsaa irratti argamuun tajaajila tola ooltummaa gannaaf duula qorannoo fayyaa bilisaa fi wal’aansa ifatti kan jalqabsiisan Kantiibaan bulchiinsa Obbo Kadir Juhaar, duulli arra jalqabame kun fayyaaleeysummaa hawaasa mirkaneeysuu kessatti bu’aan isaa ol’aana tahuu isaa eeranii dhaabbilee fayyaa dhuunfaa fi hawaasaa duula tola ooltummaa qophaa’e kana deeggaruuf gumaacha guddaa taasisan galateeffatanii jiran.
Itti dabaluuniis jiraattonni bulchiinsa keenyaa bakka duulli kun itti gaggeeyfamu dhufuudhaan tajaajila kana irraa fayyadamuu akka qaban waamicha dabarsanii jiran .
Itti gaafatamtuun biiroo fayyaa bulchiinsa Dirree dhawaa aadde Lamlam Bazzabih gama isaaniitiin hojiin fayyaa bu’uuraan hojii gaarummaa ta’uu ibsanii sadarkaa bulchiinsa Dirree dhawaatti namoota 5,000 ta’aniif qorannoo fi wal’aansa tajaajila yaalaa bilisaa kan qajeelfama “Gaarummaan fayyaa keenyaaf ” je’uun guutuu biyyattiitti jalqabame kennuuf qophiin xumurame gama hojiitti seenuu isaaniiti kan ibsan
Duula kanaanis dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin ta’uun meeshaalee yaalaa walitti qabuun ogeessota fayyaa torban tokkoof ramaduun dhukkuboota gurguddoo sakatta’uudhaan wiirtuuwwan yaalaa Legahaar/ Daandii Baaburaa Ityoo-Jibuutii / fi Buufata Saabiyaan Saayidoo irratti kennamaa jiraachuun ibsamee jira.


