Ayyaanota dhufaa jiru Hawaasni rakkoo qaalayiinsa jireenyaatiin maletti akka kabaju xiyyeeffannoo addaan hojjachuu qabnaa jedhan.

    Biiroon Daldala Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa
    Yeroo gara yeroodhaatti Qaalayiinsa jireenyaa akkaan hammaachaa jiruu fi keessattuu Ayyaanota dhufaa jiraniin walqabatee Hawaasni rakkoo qaalayiinsa jireenyaatiin akka hin hadheeyfanneef qaamoleen ga’ee waliin haala ittiin Qaalayiinsa keessattuu kan meeshaalee fedhii bu’uraa to’achuun danda’amu irratti marii geggeese.
    Waltajjii marii kan Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Harbii Buuh geggeessan kana irratti Hoji Raawachiiftonni Araddoottan Magaalaa, Araddoottan Magaalaatti Hoogantootni Qindeessa damee Daldalaa akkasumaas geggeessota Qaamolee ga’ee Daldalaa waliin marii fi kallattii hojii fuula duraa irratti geggeefameera.
    Waltajjicha irratti Obbo Harbii Buuh akka addeessanitti rakkoo qaalayiinsa jireenyaatiin dhiibbaa ol’aanaa Hawaasa irraan ga’u keessattuu Ayyaanota dhufaa jiraniin walqabatee to’achuuf qaamoleen ga’ee Marti qindoomina cimaa fi hojii dhiheessa Oomishaalee qonnaa fi Indastirii fedhii hawaasaa irratti hundaa’anii guddisuun rakkoo Qaalayiinsa keessattuu kan meeshaalee fedhii bu’uraa to’achuuf Xiyyeeffannoo addaan qaamoleen ga’ee Marti qindoominii socho’uun shoora gama isaanii ittigaafatamummaa cimaan bahuu qabuu jedhan.