Baasii Birrii Miiliyoona 650 deebi’ee kan misoomfame Warshaa huccuu Dirree Dhawaa ‘Kottaniin’ eebbifame.

    Warshaa huccuu Dirree Dhawaa ‘Kottaniin’ keessatti Dhaabatni Weeviingiin fi Gaarmantii ijaarsa Warshaa huccuu Baasii Birrii Biiliyoona 5.4 geggeessuuf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.
    Seenaa Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti Warshaalee iddoo ol’aanaa qaban keessaa hangafaa fi tokko Kan ture
    Warshaa huccuu Kottanii haala fooyya’aa Ammayaa’aa deebi’ee hojii oomisha Ittiin beekamutti deebisuuf dhagaa bu’uraa kaa’ame.
    Jiraatota Magaalaa Dirree Dhawaa baa’eef utubaa jireenyaa fi Mana hojii kan ture Warshaan huccuu Kottanii duraanii, bifa ammayaatiin foyya’ee qokkee maatii baayyee cufuuf hojii jalqabuu isaati gammaddeetiin jira. Ijaarsa Warshaa Weeviingii fi Gaarmantiitiif dhagaa bu’uraa keenyee jira.
    Bara haarayati abdii qofa osoo hin taane Riivaanii muraa, abbootii qabeenyaa roga garagaraarati bobbahan caalatti jajjabeeysaa, Dirree Dhawaan jalqabii industirii tahuu hojiin mirkaneeysuu keenya itti fufna.