Naannoo Ofii Qulqulleessuun Dhukkuboota Ciniinnaa Bookeen Daddabran Kanneen Akka Buseefaa Ittisuuf Hawaasni Hundumtuu Tumsuu Akka Qabu Ibsame.
Waajjirri Aanaa 02 Ganda 5fi 6tti iddoo adda Marmaarsaafi GTZ jedhamutti duula qulqullina naannoo gaggeessuudhaan ittisa weerara dhukkuboota bookeen daddarbanirratti hubannoo manaa-manattii kenne. Hojigaggeessaa Olaanaa Aanaa 02 kan ta’an Obbo Abeel Misraaq saganticharratti haasaa taasisaniin dhukkuboota akka buseefi chikunguniyaa dabalatee kanneen biroo ittisuudhaaf naannoo qulqulleessuun, balfawwan gubuun, bishaan ciise facaasuufi qabeewwan bishaanii sirritti qadaaduun kan…


