Ogeeyyiin damee Fayyaa Sagantaa Fooyyessa Ogummaa Ittifufaan of ga’oomsuu akka qaban ibsame

    Qopheessummaa Biiroo Eegumsa Fayyaattiin Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Ogeeyyiin damee Fayyaa hoj-maataa fi meeshaalee Fayyaa kan yeroo gara yerootti fooya’anii waliin haala wal-simuun haala itti Ogummaa fooyyefachuu qabanii fi fuul-duraas hayamni Hojii Ogummaa fi dhimmoottan biro bu’ura Sagantaa Fooyyessa Ogummaa Ittifufiinsaan of ga’oomuu Ogeeyyiin dame Fayyaa fudhatan yoo xiqaate waggaatti Sa’aa 30 ykn qabxii 30 ol fudhatan malee waan hin laatamneef kana hubachuun xiyyeefannoon Leenjii hordofuu akka qaban dhaamameera.
    Kana kan dhaaman Biiroo Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Daayireektoreetii Qabeenya Humna Namaa kan ta’an Obbo Mahamad Habiibi haasawa taasisaniin dhaamanii Ogeeyyiin dame Fayyaa hoj-maataa fi meeshaalee Fayyaa kan yeroo gara yerootti fooya’anii waliin haala wal-simuun leenjiiwan itti-fufoo yeroo yerotti fudhachuu akka qaban Sagantaa akka biyyaalessaatti ba’ee hojii irra