Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara bajataa 2013tti ji’oota 6tti galii Birrii miiliyoona 596 ol sassaabuu fi kuniis Galii Gibira Mootummaa karoora qabate keessaa dhibbeentaa 96.39% milkeessuu ibsan.
Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa Obbo Abdulsalaam Mahamad akka addeesanitti ji’oota 5 bara bajataa 2013 tti Taaskii Mootummaa Birrii 640,707,116.34 sassaabuuf karoorfatee Birrii 596,444,660.34 sassaabuu fi kuniis karoora keessaa 93.09% taachaa kan yeroo wal fakkaataa bara 2012 yoo wal bira yoo qabnu 2.64% ykn Birrii 15,352,200.20 taachaas Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Obbo Abdulsalam ibsaniiru.
Kafaltoota Gibiraa galmee qabatoo ta’an 126 Oodiitii gochuun Birrii Miiliyoona 76.68 murteessuus addeessan.
Sababa mudachuu Dhibee Koronaatiin Birrii Miiliyoona 38.11 adabbii fi dhala dhiifama gochuus eeran.
Dhuma irrattiis milkaa’ina kanaaf qaamolee shoira gumaachan Geggeesota, hojjatootaa fi Kafaltoota Gibiraa amanamoos galatoomfataniiru.


