Biiroon dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Raawii hojii ji’oottan 6 irratti marii geggeesse.

    Biiroon dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Hojjatootaa waliin karoora Raawii hojii Walakkaa bara jalqabaa kan bara baajataa 2013 irratti marii geggeessan.
    Marii kana irratti Biiroon dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa hojii Ijoo ji’oottan 6 irratti bara baajataa 2013 raawataman Roga dame hariiroo Komunikeeshiniin , ilaalcha Jijjiiramaa Uumuu irrattii fi Raawii hojii qaamolee Komunikeeshinii Bulchiinsaa dandeettii Ogummaan gabbisuu fi guddisuu irratti akkasumaas iddoo hojii jechuun Biiroon dhimma Komunikeeshinii qulqulluu mijaawaa fi hawwataa taasisuuf hojiiwan hojjatamaa turan dhiyaatanii mariin bal’aan irratti geggeefameera .
    Marii kana irratti yaadaa fi gaaffiiwan hojjatoota irraa ka’aniif Hooganaan Biiroon dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Obbo Isqiyaas Taafasaa ibsaa fi kallattii hojii kan fuulduraa laachuun mariin kun xumurameera.