Manneen Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti argamanitti Sochiin ” Akka isin Tajaajilluuf Hagooggii kaayadhaa ” jedhu geggeefamuu jalqabe.
Sagantaa sochii Manneen Barnootaatti baratoota koronaa irraa eeguuf geggeefamuu jalqabe irratti Hoogantuun Biiroo Fayyaa Adde Lamlam Bazaabihii fi Hoogantuun Biiroo Barnootaa Adde Muluukaa Mahamad gamtaan sochii kana jalqabsiisaniiru.
Manneen Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojii buruu fi barsiisuu of-Eegannoon akka gegeefamu cumsuun kaayyoo sochii kanasti.


