” Da’uumsaan booda sababa dhiigni haalaan dhangala’uun lubbuun haawanii sa’atiiwan muraasa keessatti darbuu danda’a.
Lubbuu baraaruuf deebii saffisaa haalaannuu” dhaadannoo jedhuun
Waltajjii qephaa’e haasawaan kan banan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh akka jedhanitti fayyummaa haaf hirmaannaa fi tumsi hawaasa maraa barbaachisaadha jedhan.
Hoogantuun Biiroo Fayyaa Adde Lamlam Bazaabih gama isaaniin haawan yeroo da’uumsaa dhiiga ol’aanaa irraa dhangala’uun hanqina dhiigaa mudatuun akka lubbuun hin gaaga’amne hunduu akka tumsu dhaaman.


