Baratoota 677 Koolejjiin Luusii leejjisaa ture haala miidhagaan Eebbisiise.
Koolejjiin Luusii kan Damee Dirree Dhawaa baratoota Ogummaa gara garaan Leenjisaa ture kan Digrii jalqabaa 431 fi Sadarkaa(Level ) 4 ammaas 246 walumaagala baratoota 677 guyyaa arraa eebbisiise. Sirna eebbaa kana irratti Pirezidaantiin Koolejjii Luusii Adde Maqdas Maharii akka jedhanitti eebifamtoota arraa 677 keessaa 70% dubartoota taachaa eeranii isin baratootni eebbifamtoota arraa of eegannooo Koronaa…


