Koolejjiin Luusii kan Damee Dirree Dhawaa baratoota Ogummaa gara garaan Leenjisaa ture kan Digrii jalqabaa 431 fi Sadarkaa(Level ) 4 ammaas 246 walumaagala baratoota 677 guyyaa arraa eebbisiise.
Sirna eebbaa kana irratti Pirezidaantiin Koolejjii Luusii Adde Maqdas Maharii akka jedhanitti eebifamtoota arraa 677 keessaa 70% dubartoota taachaa eeranii isin baratootni eebbifamtoota arraa of eegannooo Koronaa taasisaa haala addaan as geessan kan arra eebbaaf geessan eebifamtoota adda kan taasisuu jedhan.
Wal-tajjii eebbaa tana irratti keessummoota kabajaa ta’uun kan argaman Afa yaa’iin Mana Marii Bulchiinsaa Kabajamtuu Adde Faaxum Musxafaa fi Kantiibaan Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh yoo ta’u Kantiibaa Ahmad isin eebbifatoinni arraa rakkoo Dhibee Koronaa fi haala xaxamaa keessa darbuun as geessan ogummaa keessaniin hojii Ummata keessan akka hojjachuun imala guddinaa biyyi teenya jalqabdaaf akka tumsitan jechuun dhaaman.


