Manni Marii Bulchiinsaa yaa’ii Idilee 46ffaa kan bara hojii 2ffaa geggeessuu jalqabe.

    Manni Marii Bulchiinsaa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 46ffaa kan bara hojii 2ffaa Guraandhala 4 bara 2013 irraa jalqabee geggeessuu jalqabeera.
    Manni Marichaa yaa’ii Idilee 46ffaa kan bara hojii 2ffaa Ganama arraa geggeessuu jalqabe kana irratti Kantiibaan Bulchiinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh Gabaasa Raawwii Karoora hojii dhaabilee Raawachiiftotaa kan walakkaa waggaa dhiheessaati jiru.