Waldayni Tola Ooltummaa Eneem La Ihitee jedhamu baratoota Ahamarran Mana Barnoota Saabiyaan Lakkoofsa 2 fi Lakkoofsa 3 ttiif meeshaalee qulqulinaan eegatan deegarsa kennan
Sirna kana irratti Hoogantuun Biiroo Fayyaa Adde Lamlam Bazaabih akka jedhanitti kennaa Uumamaa kan shamarraniif kenname kan xuraa’aa shamarran ji’atti argan mallatoolee Fayyummaa keessa tokko jedhanii qulqulinaan eeguun murteessaadhaa jedhan.
hundeesituu fi miseensa Waldaya Tola Ooltummaa Eneem La Ihitee Adde Masaay Misfin gama isaaniin waldayni kun kaayyoon isaa Baratoonni shamarranii mana baruumsaatti rakkoo uumamaan isaan mudatu keessattuu meeshaaleen qulqulinaa kun yeroo ammaatti gatiin qaala’uun isaa fi shamarran baay’eeniis haala itti qulqulina kennaa uumamaan shamarraniif kenname kana itti eegachuu qabanii irratti hubaannoo ga’aa dhabuu irraa kan ka’e rakkoo isaan mudatu hir’isuuf yaadamee kan taasifame jedhanii fuul-durattiis hojii kana kutaa baha biyyattiitti bal’isuun hojjachuuf karoorfatanii socho’aa jiraachuus eeran.


