Duula sochii hojii qulqulina Naannoo kan Araddoottan Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa maratti Gandoota filamanitti geggeefamuu jalqabe kana irratti Itti-Gaafatamaan Waajjira Hoji-geggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Abduljawaad Mahamad akka ibsanitti hojii duula qulqulina naannoo kana itti fufiinsaan torbaanitti Araddoottan filaman afuritti geggeessuun hawaasa xuraawaa fi koosiiwan balfu ykn lagatu uumuu fi qulqulina magaalattii sadarkaa fooyya’aa irraan ga’uuf hojiin kun jalqabamuus addeessan.
Hooganaan Ejansii Qulqulanaa Dirree Dhawaa Obbo Xaahir Rooblee gama isaaniin koosiiwan kana Kompositiin deesanii hojii irra oolchuun dargaggootaafiis carraa hojii uumuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.


