Gaaffii hawaasaa kan bu’uraalee misoomaa Mootumaa, Dhaabileen Dhunfaa fi Umataan qindoominaan deebisuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame.
Bulchiinsa Dirree Dhawaa Araddaa Ganda Rigeetti humna ibsaan Abbootii Warraa 700 ol fayyadamoo kan taasisu kan Kiiloowaatii 250 baadhatu tiraanisfoormarii Warshaa Simintoo Piyuunariin ijaarame guyyaa arraa yeroo eebifameera. Sagantaa Eebbaa kana irratti Deetaan Ministeera Boba’aa fi Albuudaa fi Adde Simanyi Wubee fi hoogantoonni Ol’aanoon bulchiinsaa iddoo argamtetti sirni eebba pirojeektii xumuramee fi karoora fuulduraaf qabamees…


