Bulchiinsa Dirree Dhawaa Araddaa Ganda Rigeetti humna ibsaan Abbootii Warraa 700 ol fayyadamoo kan taasisu kan Kiiloowaatii 250 baadhatu tiraanisfoormarii Warshaa Simintoo Piyuunariin ijaarame guyyaa arraa yeroo eebifameera.
Sagantaa Eebbaa kana irratti Deetaan Ministeera Boba’aa fi Albuudaa fi Adde Simanyi Wubee fi hoogantoonni Ol’aanoon bulchiinsaa iddoo argamtetti sirni eebba pirojeektii xumuramee fi karoora fuulduraaf qabamees ibsameera.
Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin akka ibsanitti gaafiiwan hawaasaa kan ijaarsa bu’uraalee misoomaa deebisuuf Mootummaa, Dhaabilee fi hirmaannaa fi tumsa ummataan deebisuuf xiyyeefannoon hojjachaa jiraachuu Obbo Kadiir ibsaniiru.


