Tajaajila wallaansa Sadarkaa jalqabaa miidhamtoota miidhaan Saalaa laachuuf kan dandeesisu leenjiin kenname.

    Miidhamtoota Miidhaan Saalaa fi Gudeeddaan irra ga’eef Tajaajila Walaansa Sadarkaa jalqabaa Buufata Bulchiinsa Dirree Dhawaa maratti kennuu jalqabuuf Ogeeyota Buufataalee fi Biiroo Fayyaa irraa walitti babahaniif leenjiin hubannoo haala kenniinsa Tajaajilaa walaansa sadrkaa jalqabaa, Keessumeessaa fi qabiinsa Xiilsamuu miidhamtootaa irratti leenjiin kenname.
    Leenjicha irratti Hoogantuun Biiroo Fayyaa Adde Lamlam Bazaabih akka jedhanitti miidhaa saalaa ittisuuf akka biyyaattiis hojiin bal’aan hojjatamaa jiraatullee miidhaan kun daran hammaachaa jiraachuu eeranii miidhamtoota irra balaa ga’u xiqeesuuf Tajaajila Walaansa sadarkaa jalqabaa buufatoota fayyaa maratti jalqabsiisuuf yaadamee leenjichi qaphaa’uu eeraniiru.