Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biiroon Maanaajimantii Misooma Lafaa Abbootii warraa 950 kan sababa misoomaan lafti Qabeenya isaanii irraa fuudhamteef lafa jireenyaa kan jijjiiraa qophaa’eef guyyaa arraa kenneera.
sirni carraa kaasuu fi wal-harkaafuudhuu kanana irratti Abbootiin Warraa buqa’an kanaaf qabiyyeen lafa jijjiiraa kan laatan Hoogananaan Biiroo Maanaajimantii Misooma Lafaa Obbo Gabayyoo Xilaahun akka ibsanitti Lafti Heektaara 96 ta’u kan mana jireenyaa Buqaatotaa fi jiddugali gabaa kan hammate taachaa ibsaniiru.
Abbootii warraa kanneen keessaa kan yaada laatan akka ibsanitti gaaffiin teenya tan lafti nuuf kennamte ni xiqaattee hammi nuun malu nuuf kennamuu yeroo dheeraa booda arra furamuu ibsan.


