Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Lamlam Bazaabih guyyaa arraa ibsa haala Qabatamaa yeroo kan dhibee Vaayirasii Koronaa irratti Gaazexeesitootaaf laataniin akka ibsanitti Bulchiinsatti yeroo ammaa hawaasni Of-daggannaa ol’aanaa keessa jiraachuu eeranii kanaaniis dhibeen Vaayirasii Koronaa miidhaa Ol’aanaa nu irraan ga’uu isaan dura hawaasni keenya of eegannoo isaa akka cimsee itti fufu dhaaman.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti walumaagala hanga ammaatti Samudaan Qorannoo namoota 38,530 kan taasifame keessaa namoota 5292 Vaayirasii Koronaa mirkana’uu fi kanneen keessaa lubbuun namoota 84 sababa Vaayirasii Koronaatiin lubbuun darbuus eeran.


