Manni Marii Bulchiinsaa yaa’ii Idilee 47ffaa kan bara hojii 2ffaa geggeessuufi.

    Manni Marii Bulchiinsaa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 47ffaa kan bara hojii 2ffaa Adoollessa 27 hanga 28 bara 2013tti kangeggeessuuf jedhu ilaalchisuun ganama arraa Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa ganama kana Wajira isaaniiti ibsa Gaazexeessitootaaf laataniin ibsan.
    Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee Boru jechuuniis Adoollessa 27 irraa jalqabee geggeessu kanaan Ajandaawan ijoo 11 irratti mari’achuun murteewan kan dabarsu taachaas Kabajamtuu Afa-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsaa ibsan.
    Manni Marii Bulchiinsaa yaa’ii Idilee 47ffaan Ajandaawan ijoo irratti marii geggeessu keessaa kanneenii fi kan birooti.
    • Raawii Hojii bara 2013 kan dhaabilee Raawachiiftota Bulchiinsaa.
    •  Karoora Hojii dhabilee Rawachiiftota Bulchiinsaa kan bara 2014.
    •  Raawwii Hojii Intarpiraayizii Sabqunamtii Dirree kan bara 2013 fi Karoora Hojii bara 2014.
    • Raawwii Hojii Waajjira Ijoo Oodiitara Dirree Dhawaa kan bara 2013 fi Karoora Hojii bara 2014.
    • Wixinee Bajata Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara 2014.