Manneen Daldalaa gatii meeshaalee akka malee dabalan 171 irratti Tarkaanfiin fudhatame jedhame.

    Yaa’ii Idilee 47ffaa kan bara hojii 2ffaa Manni Marii Bulchiinsaa Dirree Dhawaa Gaggeessuu jalqabe irratti Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirre Dawaa Obbo Ahmad Buuh Gabaasa Raawii Hojii Dhaabilee Raawachiiftotaa kan Bara bajataa 2013 kanatti hojiiwan ijoo raawataman erga dhiheessaniin booda gaaffiiwanii fi yaadota ijoo kan Walitti Qaboo Koreewan dhaabbii fi Miseensota Mana Marichaan ka’an keessaa Bulchiinsatti Qaala’iinsa jireenyaan Gabaa tasgabbeessuu irratti gaaffiiwan Walitti Qaboo Koreewan dhaabbii fi Miseensotni Mana Marii Bulchiinsaa gaaffii fi yaada kaasan keessaa ijoon yoo ta’an gaaffiiwan ka’aniif Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh fi Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar deebii fi ibsa laataniin Qaala’iinsa jireenyaa keessattuu yeroo gara yerootti gatiin akkaan dabalaa dhufeen walqabatee
    Manneen Daldalaa kanen keessattu meeshaalee nyaataa irratti gatii akka malee dabalan Dukaanota 171 irratti Tarkaanfiin Ugguruu fudhatame jedhame.