Manni Marii Bulchiinsaa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 47ffaa kan bara hojii 2ffaa Ganama kana Adoollessa 27 gaggeessuu kan jalqabe Miseensota Mana Marichaa boqotaniif kadhannaa Samuu taasisuun jalqabeera.
yaa’icha irratti Itti-Aanaan Bulchiinsa Dirre Dawaa Obbo Ahmad Buuh Yaa’icharratti haasaa baniinsaa erga taasisaniin booda Gabaasa Raawii Hojii Bara baajataa 2013 akka bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiilee misoomaa karoorfaman roga hundaan milkeessuuf humna namaa fooyya’iinsa qabu ijaaruun Guddinaa fi Misooma hawaas-Dinagdee magaalaa Dirree Dhawaa irratti hojiiwan ijoo raawataman dhiheessuun Manni Marii Bulchiinsaa Dirree Dhawaa yaa’ii idilee 47ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessuun jalqabameera.
yaa’ii idilee 47ffaa bara hojii 2ffaa guyyoottan lamaaf turu kanaan Wixinee Bajata Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara 2014 dabalatee Ajandaawan ijoo 11 irratti mari’achuun murtee gara garaa dabarsuu fi Kallattiiwan hojii fuulduraa ni kaa’a jedhameeti eegama.


