Bajatni Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara Bajataa 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 akka ta’u Wixinee Bajataa Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsaa Obbo Sulxaan Aliyyii akka ta’u Wixinee Bajataa kan dhiheessan irratti Marichuun Bajatni Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 raggaasise.
Manni Marichaa yaa’ii Idilee kanaan dhimoottan ijoo irratti marii geggeesseen murtee dabarse keessaa
- Raawii Hojii bara 2013 kan dhaabilee Raawachiiftota Bulchiinsaa.
- Karoora Hojii dhabilee Rawachiiftota Bulchiinsaa kan bara 2014.
- Raawwii Hojii Intarpiraayizii Sabqunamtii Dirree kan bara 2013 fi Karoora Hojii bara 2014.
- Raawwii Hojii Waajjira Ijoo Oodiitara Dirree Dhawaa kan bara 2013 fi Karoora Hojii bara 2014.
- Wixinee Labsii Hundeefama Waajjira Piroojektii yeroo kan Galmee Ragaa Odeefannoo Qabeenya Qabiyyee Lafaa fooyyessuun.
- Bajatni Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 fi Mana Murtii Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan Sadarkaa jalqabaatti Obbo Samiir Rashiid Abbaa Murtii taasisuuf muudama dhiyaate raggaasisuun Manni Marichaa
yaa’ii Idilee 47ffaa kan bara hojii 2ffaa Guyyoota 2 geggeessaa ture xumure.


