Bulchiinsaa Dirree Dhawaatti
Daldaltootaa fi Waldaalee dhiheessan kanneen Sababa Dinagdeen ala gatii dabalan 235 , Bukaarota irratti Tarkaanfiin fudhatamuu fi Konkolaatota ‘ FSR ‘ fe’iinsaa 6 qorannoon irratti geggeefamaa jiraachuu Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar eeranii Tarkaanfiin fudhatamuu jalqabe cimee kan ittifufu taachaa addeessan.
Bulchiinsatti qaala’iinsa jireenyaa yeroo gara yerootti akkaan dabalaa dhufe tasgabbeessuuf Koreen Hordoffii fi Tasgabbeessa Sirreessaa Gatii meeshaalee kan qaamolee ga’ee jechuuniis Humna Poolisii , Waajjira Abbaa Alangaa, Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii , Abbaa Taayitaa Galiiwanii fi Hoji Raawachiiftota Araddoottan Magaalaa 9 fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa irraa walitti babahaniin waliin marii taasisuun haala itti hordoffiin jalqabe cimee ittifufuu akka qabuu fi Daldaltootaa Sababa Dinagdeen ala gatii dabalan irratti Tarkaanfiin fudhatamuu jalqabe cimee kan ittifufu taachaas Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ibsaniiru.


