Bulchiinsa Dirree Dhawaatti ‘Dirree Magariisa Uwwisuudhaan Biyyaafiis fakkii ni taana !’ dhaadannoo jedhuun Sadarkaa Bulchiinsaatti Boru Adoolessa 29 bara 2013tti Kurfii Biqiltuu kum 500,000 Guyyaa tokkotti dhaabuuf qabameen Kutaa Kilaastaroota Baadiyaa 4tti Araddoottan Baadiyaa 38 argamanitti Biqiltuu kum 250,000 akkasumaas Araddoota Magaalaa 9tti Biqiltuu kum 250,000 walumaagalatti Biqiltuu kum 500,000 Guyyaa tokkotti dhaabuuf Kurfii xumuramuu Geggeesotni Koree Ogummaa Ol’aanoo kan ta’an Hoji-geggeessaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabiinsa Qabeenya Uumamaa Obbo Abduu Mahammad fi Itti-Aanaan Hooganaa Biiroo Qonna Bishaan Albuudaa fi Inarjii fi Itti-gaafatamaan Waajjira Qonnaa Obbo Iliyaas Aliyyii ibsan.
Sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bara 2012tti Duula hojii biqiltuu dhaabuu kan sadarkaa Bulchiinsaatti Bara 2013 ” Dirree Dhawaa haa Uwifnuu” dhaadannoo jedhuun duula hojii biqiltuu dhaabuu geggeefamaa jiruun biqiltuu miiliyoona lama dhaabuuf geggeefamaa jiru
Biqiltuun dhaabamuus Akaakuudhaan yoo ilaallu Dhibbeentaan Biqiltuu Gosa Mukkeen Bosonaa 70% (kum 349,723) , Dhibbeentaan Biqiltuu Gosa Kudraa fi Mudraawanii 26% (kum 130,318) , Dhibbeentaan Biqiltuu Gosa Mukkeen Miidhaginaa 4% (kum 20)


