Lammiiwan qe’ee fi qabeenya irraa buqqa’anii balaaf saaxilaman hunduu akka deegaruuf waamichi dhiyaate.

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Lammiiwan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii balaaf saaxilamaniif Koreen Loojistikii fi Deegarsaa hundaa’ee deegarsa gara garaa keessaattuu rakkoo qorraa irraa ittisuuf deegarsa uffataa Sassaabaa jiraachuu Walitti qabaan Koreen Loojistikii fi Deegarsaa fi Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii waamichi dhiyaate.
    Obbo Sulxaan Aliyyii ganama arraa ibsa gaazexeesitootaaf kennaniin akka ibsanitti
    Biyya teenyatti rakkoolee gara garaa mudataniin lammiiwan keenya kanneen baalaaf saaxilamanii jiran jechuuniis Naannoo Amaaraa fi Naannoo Afaaritti Sababa gocha murna shororkeessaa ABUT lammiiwan qe’ee fi qabeenya irraa buqqa’anii balaaf saaxilamaniif akkasumaas Godina Booranaatti Sababa hoongee mudateen lammiiwan rakkoof saaxilamanii jiran deegaruuf Koreen Loojistikii fi Deegarsaa hundaa’ee deegarsa akaakuu gara garaa sasaabbuuf sadarkaa araddaattii hanga jidugaleessaatti sochii jalqabuu Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii eeranii hundi keenya uffataa fi waan qabnuun akka deegaru jechuun dhaamsa dabarsan.