Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaatti Koreen Dhaabbii Dhimma Bishaan, Masnoo fi Naannoo Gammoojjii
Kutaa Bulchiinsaa kan adda addaatti Daawannaa geggeessaa ture xumure.
Jiilli Kabajamtuu Adde Fatiyaa Ahmad Walitti qabduu Koree Dhaabbii Dhimma Bishaan, Masnoo fi Naannoo Gammoojjii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaattiin duurfame Daawannaa Kutaalee Bulchiinsaa kan adda addaatti taasisaa ture xumuruun Af-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Fatiyaa Adanii fi Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii waliin Daawannaa taasisaniin haala sochiiwan bulchiinsi geggeessuu, ijaarsa Piroojektoota geggeefamaa jiran irratti hanqinootaa furamuu qabanii fi Ciminoota daran cimanii itti fufuu qaban ilaalchisuun Marii taasisaniiru.
Koree Dhaabbii Dhimma Bishaan, Masnoo fi Naannoo Gammoojjii kan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaa hoogantoota Mana Marii Bulchiinsaa Kabajamtuu Af-yaa’ii Adde Fatiyaa Adanii fi Itti-Aantuu Af-yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Kariimaa Alii waliin marii erga taasiseen booda Daawannaa harkifachuu Rooba Gannaan walqabatee haala qabatamaa Kutaa baadiyaa Bulchiinsaa ilaalchisuun Kilaastara Assalissoo fi Waahel, Piroojektoota baadiyaa Bulchiinsaatti geggeefama jiran akkasumaas Kutaa magaalaa Bulchiinsaatti Piroojektootiin Bishaan qulqulluu Dhugaatii Magaalaa Dirree Dhawaa, Jidugala Kuusa Koosii gogaa kan Magaalaa Dirree Dhawaa daawachuun hanqinootaa fi Ciminoota ijaarsa Piroojektootaa irratti mul’atanii haala ittii daran milkaa’na fooyyee galmeessuu danda’an irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi hoogantoota Mana Marii Bulchiinsaa waliin Daawannaa taasisan ilaalchisuun durdeebii laataniiru.


