Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Duula ashaara Magariisaa marsaa 4ffaa “ashaaraan magariisni dhaloota Keenyaaf ” mata-duree jedhuun ji’oota ganna baranaa kana geggeefamuuf qophiin hojii Haalduree haalagaarii irra jiraachuun ibsame.
Kana kan ibsan Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Guyyaa Arraa Waxabajjii 14-2014 Magaalaa Finffinnee kutaa magaala Gulalleetti sagantaa jalqabsiisa Hojii duula ashaara Magariisaa marsaa 4ffaa sadarkaa biyyooleeyssa jalqabamuun isaa kan beekkamuudha.
Duula ashaara Magariisaa marsaa 4ffaan Sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeeyfamuuf taa’uuf Biqiltuu miiliyoona 1.8 dhaabuu fi Biqiltuu kum 200 Biyyoottan Ollaaf kennuudhaaf qophiin taasifamaa jiraachuu obbo Ibraahim Yuusuf eeranii jiran


