“ga’ee dargaggoota bara keenyaa” Mata dure je’uun mariin dargaggoota sadarkaa biyyooleysaa as bulchiimsa keenyatti gaggeeffame jira.

    Mariin kun sadarkaa biyyoleessaatti magaalota 20 irratti kan gaggeeyfame yoo ta’u akka bulchiinsa Dirre dhawaatti galma Itiyo xaaliyaanitti dargaggooni baayyeen fi qaamni hoggansaa ol’aanoon bakka argamanitti haala ho’aa taheen mariin gaggeyfameeti jira
    Marii dargaggoota kana irratti arkamuudhaan haasawa baniinsaa kan taasisan waajjira badhaadhina bulchiinsa Dirre dhawaatti hogganaa damee ijaarsaa kan tahan obbo Dareje steggaye dargaggoonni humna oomishaa kan biyyatana jijjiruu dandahu tahuu isaa hubatee qabsoo jijjiiramaa keeysatti haarawoomsi kun akka dhufuu gahee gumaachaa ture itti fufsiisuun biyyatti hiyhummaa irraa gara badhaadhina achi tarkaanfachiisuuf sochii godhamaa jiru keeysatti qooda gama isaa gumaachuun itti gaafatamummaa isaa bahachuun akka irraa eeggamu dhaamanii jiran.
    Waltajjii tana irratti sanadiin qophaa’e itti gaafatamaa liigii dargaggoota naannoo amaara kan tahan dargaggoo dargaggoo Daaneel Warquu tiin dhihaate mariin ballaan irratti taasifamee jira.
    Marii gaggeeyfame kan waliigalchan Waajjira Paartii Badhaadhina Dirre dhawaatti Hogganaa itti aana fi itti gaafatamaa damee Siyaasa kan tahan Obbo Shaakir Ahmad Dhiibbaafi acuuccaa ummata biyya teenyaarra ture hundeen buqqaasuun jijjirama sirnaa fiduuf qabsoo taasifame keessatti dargaggoonni haarsaa guddaa kaffaluun injifannoo har’a argameef bu’uura kaayu isaani ibsanii Kanaa ol amaas Dargargaggoonni biyyatti martinuu duula olaantummaa seera mirkaneeysuuf taasifame keeysattiis waamicha mootimmaan isaani godhee simachuudhaan shoori isaan taphatan dargaggoonni biyyattidhaa gaachena sirna kanaa tahuu isaanii qabatamaan kan itti mirkaneeysan tahu eeranii jiran.
    Dargaghoonni biyyattii hegereen biyyatanaa isaan iin kan mirkanaawu tahuu kan ibsan obbo shaakir biyyatti hiyyummaa keeysaa baasuun gara badhaadhunaatti achi tarkaan fachiisuuf duula roga hundaan gaggeeyfamaa jiru irratti dammaqinaan hirmaachun ittigaafatamummaa isaani akka bahatan dhaamsa dabarsanii jiran.
    Dargaggoonni waltajjii marii kana irratti hirmaatanii turan tokko tokko yaada nuuf kannaniin akka ibsanitti waltajjiin marii dargaggoota kan baranaa kun ittigaafatamtoonni liigii dargaggoota kan naannoo adda adda wal keeysa makhamee waliin marihachuun walitti dhufeenya dargaggoota daran cimsuun tokkummaadhaan bu’aa biyya isaani irratti qindoomani akka waliin hojjatan kan taasisu waan taheef haalan itti gammaduu isaani eeranii jiran.