Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kennaniin, kallattii mana maree nageenyaafi tika Biyyaalessaan ka’ameen, hojiin seera kabachiisuu gaggeeffamaa jiraan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii garee shororkeessitootarratti fudhateen miseensonni garechaa hedduun barbadeeffamuu fi kanneen bosonaa keessa faca’uun dhokatan hawaasaa waliin ta’uun adamsamaa jiraachuu himaniiru.
Ammas hawaasni tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru tumsuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaa isaa akka cimsu gaafatameera.
Gareen shororkeessitootaa lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuun xiyyeeffannoo qaama bira argachuuf, mootummaa fi uummata hojiilee misoomaarraa maqsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Sochiileen shororkeessummaa biyyattiitti gaggeeffaman siyaasaa bishaanii fi quubsumaan kallattiin kan walqabatan ta’uu eeran.
Gama biraatiin hidhi guddichi Itoophiyaa ganna kana bishaan akka qabatuuf karoorfame yeroo ka’ameef keessatti akka raawwatuuf murtaa’eera. Humni kanarraa nu dhorkus hin jiru jedhan.


