Sagantaan Tola’ooltummaa Dargaggootaa Ji’oottan Gannaa Kan Bara 2014 Magaalaa Dirree Dhawaatti Mata-Duree Tola-Ooltummaan Olqabbii Itoophiyaatiif! Jedhuun Jalqabame.

    Waxabajjii 23,2014 ji’oottan gannaa sababeeffachuudhaan Sagantaa tola-ooltummaa dargaggootaa ji’oottan gannaa bara 2014 Komishiniin Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Ministeera Dhimmoota Dubartootaafi Hawaasummaa waliin ta’uun Qophaa’e, magaalaa Dirree Dhawaatti sagantaa faan mgriisaa, dhiiga arjoomuufi manneen namoota humna dhabanii haaroomsuutin jalqabeme.
    Sagantaan hojii tola-ooltummaa dargaggootaa guutuu biyyaa kan bara kanaa kaleessa Magaalaa Harararitti jalqabame yommuu ta’u, har’as Magaalaa Dirree Dhawaattis Ganamarraa sa’aatii 12:00 irraa jalqabee Bakka Ministeera Dhimmoota Dubartootaafi Hawaasummaa kan ta’an Kabajamtuu D/r Ergoge Tasfaayeefi Kantibaa Ittii Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh dabalatee koggantoonni Ol’aanoon federaalaafi bulchinsaa argamanitti sagantaan biqiltuu dhaabuu gaggeeffameera.
    Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Kantibaa Itti Aanaa Bulchnsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh dargaggoota hojii tola-ooltummaaf naannoolee 11n fi bulchinsa Magaalaa Finfinneerraa walitti baba’an, hoggantoota olaanoo federaalaafi bulchinsaa, Hohhantootaafi hojjettoota komishinii dargaggoofi ispoorti bulchinsa Dirree Dhawaafi jiiraattota magaalaa Dirree Dhawaa kanneen Saganticharratti argaman galateeffatan.
    Dabalataanis Obbo Harbiin akka bulchinsaatti bara kana biqiltuuwwan miliyoona 2 ta’an dhaabuuf kan karoorfameefi guyyaa kanaanis akkadamii dargaggootaatti sagantaa faana magariisaa kaa’uuf iddoo kanatti argamuun carroomuudha jedhaniiru.
    Dhumarrattis Torbee Dharraa Ba’insa Dirree edhuun sagantaa walitti dhufeenya jaalattootaafi dhalattoota Dirree gaggeeffamuuf jiruufi sagantaa guddiicha “Faana Magariisaa” torbee lama booda gaggeeffamurratti akka argaman waamicha dabarsaniiru.
    Saganticharratti kan argaman Ministeera Dhimmoota Dubartootaafi hawaasummaa kanta’an Kabajamtuu D/r Ergoge Tasfaayee haasaa taasisaniin sagantaan tola-ooltummaa kuni sagantaa dargaggoonni ofirra darbee hawaasaafi biyya ofiif gumaacha guddaa taasisuuf dargaggoon humna oomishaafi humna misoomaati malee humna diigumsaa akka hntaane itti mirkaneessaniidha jedhaniru.
    Itti dabaluudhaanis D/r Ergogen Dargaggoonni biyya keenyaa sagantaa kana fakkaaturratti hirmaachuudhaaniifi cimee hojjechuun biyya keenya akka gara guddinaafi badhaadhinaattii ceesisu abdiin qaba jedhaniru.