Bulchinsa Dirree Dhawaa Kilaastara Waahelitti jiraattoonni Araddaa Hulul Moojoo Gaaffilee misoomaarratti bakka bu’oota isaanii waliin marii gaggeessaa jiru.
Bulchinsi Dirree Dhawaa kanaan dura gaaffilee misoomaafi bulchinsa gaarii gaafanne keessaa hedduu isaanii nuuf deebiseera; garuu ammallee kanneen eegalamanii hinxumuraminiifi kaneen hineegalamin jiru; keessattuu daandii Moojoo-Gobayyaa nuuf hojjetameera; garuu karatti hafeera, manni barnootaafi keellaan fayyaa akka nuuf hojjetamu waadaa nuuf seenameera; garuu nuuf hin hojjetamne; “networkiin” akka nuuf dhaabbatu gaafachaa turre ammas nuuf hindhaabbanne, gama biraatiin dargaggoon keenya baratanii hojii dhabdummaarra jiran akka malee baay’ateera ; Qaaloowanni jireenyaa keessattuu midhaan nyaataafi simintoodhaan walqabatee jiru daran hammaachaa dhufeera rakkooleen kunneenis akka nuuf furamu gaaffii jedhuufi kanneen biroos bakka bu’oota isaaniif dhiheessaniiru.


