Bulchiinsa Dirree dhawaatti bara kana karoorfamani hojjatamaa kan turan hojiin daandii asallisoo k.m 6.5 dheeratu fi bal’ina meetira 15 ta’e xumuramaa jiraachuu Abbaan taayita daandiiwanni beeksise.
Magaalaa dirree dhawaa jireenyaf mijattuu fi hawwattuu taasisuuf bu’uuraaleen misoomaa garaa garaa hawaasni kallattiin irraa fayyadamaa ta’u baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetamaa kan jiru tahuun ni beekkama. Piroojektootni daandii kan magaalaa fi baadiyyaa keeysatti hojjatamaa jiran qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif too’annoo fi hordoffiin taasifamaa turuusaa Itti aana hoji…


