Kitaabni Asoosamaa Bishaan Gubatee eebbifame
Kitaabni asoosama Bishaan Gubatee kan Gaazexeessaa Mahaamaad Siraajiiin barreeffame Finfinnee, Galma Giddugala Aadaa Oromootti har’a eebbifameera. Eebba kitaabichaarrattis hoggantoonni hojii mootummaa, namoonni bebbeekamoo fi keessummoonni biroon argamaniiru. Barreessaan kitaabichaa Gaazexeessaa Mahaamaad Siraaj, qabiyyeen kitaabichaa seenaa Oromoo, duudhaa fi loqodaa Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa dhaloota barsiisuuf gahee guddaa qaba jedheera. Hiika moggaasa maqaa namootaa godinaalee Oromiyaa…


