Manni marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii idilee 9ffaa bara hojii 3ffaa waggaa 4ffaa oolmaya Waaree boodaan ittifufee ooleera.
Gabaasni raawwii hojii ji’oota jahan jalqabaa tajaajila hojii raawwachiiftuu fi bulchiinsa magaalaa bara baajataa 2017 ganama Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Kadir Juhaariin akka dhiyaatu ni beekama. Kabajamoo kantiibaan Kadir Juhar ji’oota jahan darban bulchiinsa keenya keessatti gama sassaabuu, gatii gabaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Miseensonni Mana Maree bulchiinsa…


