Dorgommiin Ispoortii Waggaa Kan Manneen Barnootaa gaggeeffamu jalqabe.
#DGC Guraandhala29/2017 Dorgommiin Ispoortii Barattootaa Waggaa 2017 Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Sadarkaa Lammaffaa Mootummaa fi Dhuunfaa Har’a Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree Dhawaatti jalqabameera. Kaayyoon Dorgommii Ispoortii kanaa barnoota qulqullina qabu lammii hundaan ga’uu galma godhachuun lammii ispoortiin badhaadhe oomishuun murteessaadha jedhuun. Sagantaadhuma kanarratti Hooganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Diiree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii akka jedhanitti,…


