Bulchiinsa Dirree Dhawaatti oomishaa fi oomishtummaa damee manufaakchariingii guddisuuf dandeettiin oomishaa guddisuu akka barbaachisu ibsame
Dandeettii oomisha gadi aanaa guddisuun indaastiriiwwan dorgomaa uumuuf hojiiwwan hubannoo uumuu adda addaa bulchiinsaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u kunis damee indaastirii omishaa keessatti bal’inaan mul’ata. Hojimaata sadarkaa biyyaatti dandeettii oomishaa guddisu %54 amma jiru irraa gara fuulduraatti %61 akka gahu taasisuun hojii irra oolchuun indaastiriiwwan omishaa bulchiinsa jalatti uumuuf leenjiin ijaarsa dandeettii guyyoota shaniif…


