Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnoota Dirree Dhawaa jiddutti gaggeeffamaa ture xumurame.
Manneen Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa kan Mootummaa fi Dhuunfaa jiiddutti kan gaggeeffamaa ture Dorgommiin Ispoortii Barattootaa kan bara 2017 xumurame. Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Lammaffaa kan Mootummaa fi Dhuunfaatiif gaggeeffamaa ture har’a ” Barnoota qulqullina qabu lammiiwwan hundaan ga’uuf” galma qabame milkeessuun lammii gaarii karaa ispoortii oomishuuf shoora murteessaa qaba…


