Dirree Dhawaatti Manneen Murtii Smart Gochuuf Adeemsa Kenninsa Murtii Seeraa Fooddaa Tokkoo Hojiirra Oolchuun Hojjetamaa jiraachuu Ibsame
Jilli Hoggantoota Manneen Murtii Naannoo Hararii Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Hararii Obbo Maahir Abdusamadin Durfamu Hojmaatawwan, ijaarsaafi Haaromsa Mana Murtii Jalqabaafi Oliyyannaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jiru daawwate. Tajaajila Murtii Seeraafi Haqaa Fooddaa tokkoo hojiirra oolchaa jiraachuu kan eeran Pirezidaantii Mana Murtii Jalqabaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Mohammed jilicha yommuu daawwachiisan ibsa yommuu…


