Hoj-maata yeroon gaafatu hordofuun Odeeffannoo Saffisaa fi qulqullina qabu Filannoowan gara garaan hojiin Hawaasa biraan ga’uu cimee akka itti fufu ibsame.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bara 2016 damee Infoormeeshin Komunikeeshinii Miidiyaatiin bu’aa galmaaweef Qaamolee shoora gumaachaniif beekamtii fi badhaasni kenname. Kurfii kana irratti Hoogganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa akka jedhanitti bara 2016 Tumsaa fi Qindoominaan Miidiyaa fi Komunikeeshinii hojiiwwan baay’een hojjatamuu ibsanii Kanaariis Qaamolee shoora ol’aanaa gumaachaniif galeeteefannaan barbaachisaadhaa jedhan. Obbo Biruuk…


