Tajaajila Geejjibaa Guddina Magaalaa Dirree Dhawaa Waliin Deemu Kennuuf Konkolaattota Taaksii Fayyadamuun Murteeysaa Tahuunibsame.
#DGC Sadaasa 5/2017 Dhaabbanni Teeknoolojii ‘Swift’ konkolaattota Humna Eleetrikaatiin hojjatan 3,000 Magaalaa Dirree Dhawaatti Hojii jalqabsiisuuf Bulchinsa Dirree Dhawaa Wajiin Waliigaltee Mallatteesse. Sirna sanada waliigaltee mallatteessuu kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar hojiilee magaalaa Dirree Dhawaa “Smart” gochuuf hojjetamaa jiruufi tajaajila geejjibaa ammaayyeessuuf bu’aawwan teeknolojii fayyadamuun murteeysaa tahuu…


