Fiigichi Miilaa Kan Manguddoota deeggaruu kaayyeffate magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffame.
Dorgommii Fiigichi Miilaa Kan Manguddoota deeggaruuf kaayyeffatee gaggeefame kun Yaada qajeeltoo “Haadha koo fi abbaa koo deeggaruuf nan fiiga” jedhuun fiigichi fiigichaa yeroo 9ffaaf Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Giddugala Qabeenya Maanguddoota Daawiit waliin ta’uun gaggeeffameera. Fiigichi daandii irraa Kan KM 10 kun ka’umsaa fi Xumura Dirree Jiddugala Buufata Baabura jalaa irratti kan qabu yoo ta’u,…


