Bulchinsatti Walakkeessa Bara Baajataa Baajataa 2017 Kanatti Raawwiin Hojii Dhibbeentaa 90% ol Raawwatamuun Ibsame.
Bulchinsi Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii karoora hojii Dhaabbilee bulchinsaafi mana qopheessaa magaalaa kan walakkeessa Bara Baajataa 2017 gamaaggamaati jira. Gabaasa raawwii kurmaana lammaafaa dhihaateenis Roga Kaayzanii hojiirra oolchuutiin qisaasama qabeenyaa Birrii Mil. 5tti shalagamu hambisuuf karoorfamee birr mil 14 ol qisaasama hanbisuun danda’amee jiraachuufi raawwii kaayzaniirratti gaggeessitootaafi hojjettoota 476f lrenjiin hubannoo cimsuu kannamuun ibsameeti jira….


