Sirni Gaggeessa Taabota Bataskaana Mikaa’el Gaggeeffamaa Kan jiru yommuu ta’u, hawaasni Muslimaa Aanaa 03fi Hordoftoota Amantichaa iddoo Cuuphaarraa deebi’aa jiraniif bishaaniifi nyaataa qopheessuun ayyaaneeffattoota waliin kabaja jiru.
Hirmaattita kanneen keessaa tokko tokko keessaa tokko tokko yaada DGC fi kennaniin Obboleewwan Keenya kanneen amantaa Ortodoksii hordofan yommuu iddoo ayyaanichaarraa deebi’an akka dadhabbiin itti hindhaga’amneef nuti muslimtoonnis akkuma isaan yeroo nuti Dirree salaata iidaarraa gallu nyaataafi dhugaatii qopheessuun nu cinaa dhaabatan Haala kanaan qopheessineeff; duudhaan akkasii kunimmoo durumaan kan abbootiin keenya gochaa turan waan…


