Misooma hunda galeeysa mirkaneeysuudhaaf hirmaannaan hawaasaa barbaachisaa tahuu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa dhawaa obbo Ibraahim Yuusuf dubbatan.
Biiroo hoji gaggeeysaa magaalaatti Ejensiin Misooma hirmaannaa hawaasaa Aanaa 02 waliin tahuun daandii hadiida Gooroo hanga Bahar geellee gahu kan kiiloo meetira tokko tahu hirmaannaa hawaasaatiin hojjachuu eegale. Ejensii misooma Naannoo fi hirmaannaa hawaasaa bu’uraalee misoomaa hawaasa fayyadan yeroo garagaraatti hojjachuudhaan beekama. Ejensichi aanaa 02’tti hojii daandii kiiloo meetira takkaa hadiida Gooroo hanga Bahar Gelee…


